Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa Keessatti Duullii Qorannaa Dhukkuba Koviid-19 Jalqabamuuf Jira


Adooleessa 6 jalqabee namnii hundii  qorannaan irratti gaggeeffamuuf akka jiru ministeerri eegumsa fayyaa Itiyoophiyaa beeksisee jira.

Maatii manneen Miliyoona 17 keessa jiraatan 200,000 caalaa irratti qorqnnaa gaggeessuun qiyyafata kaa'ame akka ta'e ibsamee jira.

Torban lama keessatti namoota vaayrasii Koronaaf saaxilaman 10,000 arguuf jirra tilmaamnii jedhuus akka jiru kan ibsame yoo ta'u Itiyoophiyaa keessatti namoota dhukkuba Koviid-19n qabaman keessaa harka 9- kanneen caalan mallattoo dhukkubichaa kan hin agarsiifne ta'uun ibsamee jira.

Duula gaggefefamuuf karoorfame kana irratti qorannaa vaayrasii koronaan alattis namoota dhukkuba sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa qabanis irrattis qorannaan kan gaggeeffamu ta'u Eden Garramoo gabaastee jirti.

XS
SM
MD
LG