Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Keeniyaan Boruu Kaastee Balaliiwwan Xiyyaaraa Idil – Addunyaaf Karra Banti


Faayilii - Buufata xiyyaaraa Joomoo Keeniyaataa, Naayroobii
Faayilii - Buufata xiyyaaraa Joomoo Keeniyaataa, Naayroobii

Boruu, Hagayya 1 Bara 2020, kaasee Keeniyaan karra shee ji’a sadii oliif cufaa ture balalii xiyyaara addunyaaf saaquuf jetti. Jeems Machaariyaa Ministeerri Geeejjibaa fi Misooma magaalaa Keeniyaa ibsa kaleessa kennaniin Keeniyaan lammilee Itiyoophiyaa dabalatee lammilee biyya alaa 11 callaaf gara biyyasheetti akka seenan eyyamti jechuun dubbatan.

Mr/ Machaariyaan gulantaa biyyi isaanii Keeniyaan lammilee biyyoottan alaa 11’n kana akka gara Keeniyaa dhufan eyyamteefis, biyya isaaniitti tatamsa’inni Kooronaa jiru xiqqaa waan ta’eef jechuun ibsani.

Mr. Machaariyaan, Kara deemtonni gara keeniyaa dhufan kamuu, tokkoffaa PCR ka jedhamu qorannoo dhibee Kooronaaarraa bilisa ta’uusaanii agarsiisu qabaachuudha qabuu, lammee, ho’i qaama isaanii digrii seentigreedii 37.5 gadi tahuu qaba, qufaa akkasumas mataa dhukkubbii mallatoo dhibee kaanirraa bilisa ta’uu qabu. Waraqaan PCR isaaniis bu’aa qorannoo ka utuu deemsa hin jalqabin dura sa’aatii 96 keessatti qoratame ta’uudha qabaa jedhu.

Mr. Machaariyaan dabalanii, eyyamni amma lammilee biyyoottan 11’f kenname kun yeroo yerootti ilaalamee kan fooyya’uudhas jedhu. Torbee amma keessa dabarre kana jalqabarratti Pirezdentiin biyyattii Uhuuruu Keeniyaattaa yoo ibsa kennan, Saba himaaleen Keeniyaa balalii xiyyaaraa banamuuf jiru kanaaf dhaabbileen tajaajila geejjibaa xayyaaraan kennan shan eyyama argachuu eeranii turan. Warra eerame kana keessa Dhaabbanni Sarara Daandii Xayyaaraa Itiyoophiyaa hin jiru. Sararri daandii Itiyoophiyaa Gaanfa fi kibba giddu galeessa afriikaatti Magaalaa daldalaa fi investimentii jedhamuun ka beekamtu Naayroobiitti balalii xiyyaaraa idilee qaba. obbo Girmaa Moges naannoochatti bakka bu’aan dhaabbatichaa Sararri Daandii Xiyyaaraa Itiyoophiyaas eyyama argateera jedhan.

Harras Ministeerri fayyaa keeniyaa akkas beeksisetti Biyyattii keessatti sa’aatii 24’n darban kana qofaa keessatti namootni 16 dhibee Kooronaan lubbuun darbuu, dhibba torbaa ol ammoo dhibee kanaan faalamuu ifoomsee jira.

‘Keeniyaan Boruu Kaastee Balaliiwwan Xiyyaaraa Idil – Addunyaaf Karra Banti
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:04 0:00


XS
SM
MD
LG