Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dargaggoota Oromoo Lammii Ameerikaa Dhiheenya Itoophiyaatti Hidhaman Sadeen Keessaa Lama Gadhiifaman


Yusuuf Bashir (bitaa), Mishaa Cirrii (edduu), Reedwaan Amaan (mirga)
Yusuuf Bashir (bitaa), Mishaa Cirrii (edduu), Reedwaan Amaan (mirga)

Dargaggoota Oromoo lammii Ameerikaa ta’an, ajjeechaa artiisti Haacaaluu Hundeessaa booda Itoophiyaatti qabamanii hidhaman keessa lama mirga wabiin gadhiifamuu abukaatoon isaanii VOA-f ibsan.

Garee abukaatoota namoota dhiheenya hidhamaniif wajjin hojjatan keessaa abukaatoo Kadir Bulloo, Waxabajjii 30, bara 2020 to'annaa jala an oolfaman, dargaggoo Reedwaan Amaan fi Yusuuf Bashir Wiixata darbe, jechuunis Adoolessa 27, 2020 mirgi wabii eeggameefii tokkoon tokkoon isaanii qarshii kuma jaha kaffalanii gad lakkifamuu dubbatan.

Karaa biraatiin, lammiin Ameerikaa biraan to'annaa jala oolfamee, yeroo hundeeffama Oromoo Miidiyaa Neetworkii (OMN) qabee hojii teeknikaan dhabbatichaaf hojjachaa ture, ogeessi Teeknoolojii Odeeffannoo (IT), dargaggoo Mishaa Cirrii, ammalle mana hidhaa jirachuu dubbatan abukaatoo Kadir.

Obboleessi angafti Mishaa, Obboo Qixxeessoo Cirrii, "Mishaan beekumsa isaatiin biyya tajaajiluuf yeroo OMN biyyatti waajjira banate achi galuu malee yakki inni hojjate hin jiru, siyaasa keessaahis harka hin qabu," jedhan.

Abbaa Alangaa Fedeeraalaa irraa daayreektarrii daayreekterootii yakkoota qindaahoo fi daangaa darbanii, Obboo Fiqaaduu Tsaggaa, Mishaan meeshaa koominikeeshinii seeran ala gara biyyaa galchuu isaa irra geenyeerra jedhan.

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Dargaggoota Oromoo Lammii Ameerikaa Dhiheenya Itoophiyaatti Hidhaman Sadeen Keessaa Lama Gadhiifaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:05 0:00


*Maxxansa duraa irratti, Reedwaan fi Yusuuf Hagayya 30 qabaman kan jenne dogoggoraanii waan ta'eef Waxabajjii 30 an jedhutti sireesineerra. Nu oofkalchaa.

XS
SM
MD
LG