Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jaarmayoonni Oromoo Lama Biyyatti Deebi’uuf Ka Jiran Ta’u Beeksiisan. Warri Biyya Seene Moo Maal Jedhu?


Oromia map
Oromia map

Jaarmayaan ABO takkomee fi Addi Tokkummaa Walabummaa Oromiyaa(ADWO) dhiyeenyatti biyyatti galuuf ka jiran ta’u beeksiisan. Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahamd Ugaandaa daw’atanii yeroo turanti hogganaan ADWO birgeedar Jeneraal Kamaal Galchuu waliin dubbachuu isaanii fi guyyoota dhufa kana keessa jilli tokko Finfinnee akka seenuuf jiru ibsamee jira.

Jaarmayaan ABO tokkomee gama isaan karaa kallattii hin taaneen mootummaa waliin dubbataa akka jiruu fi qabsoo gaggeeffamuu biyya keessatti saba ofii giddutti deebisuuf murteessuu isaa beeksiise.Garu biyya ofiitti galuuf bellama kan hin barbaachifne ta’uus guyyichi kan sabaa himaan labsamuuf jiru ta’u hubachiise.

Gama kaaniin Kan dhiyeenya kana biyyatti deebi’ee Adda Dimokraatawaa Oromoo(ADO) jijjiramanii argan isa eegeen ol ta’u ibsee jira. Carraa argamee Kanaan hojjachuuf jaarmayoon Oromoo wal danquu dhisanii walii wajjiin hojjachuu qabu jedhee jira.Knaafis irbuu walii seenuun barbaachisaa akka ta’e beeksisee jira.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Jaarmayoonni Oromoo Lama Biyyatti Deebi’uuf Ka Jiran Ta’u Beeksiisan. Warri Biyya Seene Moo Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:34 0:00

XS
SM
MD
LG