Xurree ittiin seenan

Breaking News

Angaawaan Tokkummaa Mootummootaa Tarkaanfiilee Itiyoophiyaa fi Ertiraan Tibbana Fudhatan Simatan


Secretary-General Antonio Guterres

Barreessaan-muummichi ka Tokkummaa Mootummootaa, hariiroo Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduu nageenyatti deebisuuf, tarkaanfiilee qajeeloo dhiheenya kana Itiyoophiyaa fi Ertiraan simachuu isaanii beeksisanii jiran.

Dubbi-himaa barreessaa-muummee Tokkummaa Mootummootaatiin, ibsi har’a Niwu Yoork irraa bahe akka jedhutti, biyyoota lameen gidduutti nageenya waaraa fi hariiroo ollummaa gaarii buusuuf carraaqqiin hoogganoonni biyyoota lameenii gochaa jiran, nageenya guutummaa Gaanfa Afrikaatiif illee akka qooda gaarii gumaachu dubbata.

Barreessaan-muummeen Tokkummaa Mootummootaa, deemsa marii nageenyaa Itiyoophiyaa fi Ertiraa gidduu gara fuul-duraatti tarkaanfachiisuu fi gad-dhaabuuf deggersa barbqaachisu mara gochuuf qophii tahuu isaanii beeksisuun – xumura ibsi bahe kun.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG