Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeneraalli Waraana Sudaan Muummicha MInisteeraa Haaraa kan Muudan ta’uu Beeksisan


Faayilii - Jeneraalli Waraana Sudaan,
Faayilii - Jeneraalli Waraana Sudaan,

Torban kana mootummaa fonqolchuun kan aangoo dhuunfatan jeneraalli waraanaa Sudaan, waraanni isaan hoogganaan kan isa cina hojjetu muummicha ministeeraa muuxannoo qabu torban tokko keessatti ni muuda jedhan.

Dhaabbata oduu mootummaa Raashiyaa Sputnik waliin gaaffii fi deebii geggeessanii jimaata har’aa maxxanfameen, Abdel Fattaah Burhaan akka jedhanitti, muummichi ministeeraa haaraan kaabinee hooggansa biyyattii humnootii waraanaa waliin qooddatu ni hundeessu.

Wixata darbe ture Burhaan mootummaa ce’umsaa diiguu dhaanmuummicha ministeeraa Abdallaa Hamdook, angawoota mootummaa fi hoogganoota siyaasaa kanneen fonqolcha mootummaa Yunaayitid Isteetisii fi warreen gama dhiyaa biraa qeeqa dhaqqabsiise to’annaa jala oolchan. Waraanni biyyattii Hamdook, dhiibbaa sadarkaa addunyaan dhiibbaa guddaa jalatti manatti akka deebi’an eeyamee jira.

XS
SM
MD
LG