Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjiiramni Itiyoophiyaa Keessaa Jajjabeessaa Dha: Miseensota Kongresii Ameerikaa


Seerri mirga namoomaa fi itti gaafatamummaa akka raggaasisamu bu’aa ol aanaa buusanii fi dhiibbaa kan godhan miseensota Kongresa Ameerikaa yeroo ammaa Itiyoophiyaa daawwataa jiran. Seerri sun qabiyyee mirga namaa Itiyoophiyaa keessaa ni qeeqa, tarkaanfiiwwan adda addaa akka fudhataman illee ni gaafata.

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahimed aangootti erga dhufanii as garuu haalawwan jiran hatattamaan jijjiiramaa jira.

Miseensonni Kongresii Ameerikaa kun haala kana mul’inaan hubachuu isaanii ibsaniiru.

Demokraatittii kan ta’an Karen Baaz kan dubbatanis jijjiiramni argame jajjabeessaa ta’uu isaa ti.

Mootummaa inni haaraan aangoo irra kan ture guyyoota 120 kan hin caalle ta’uu hubadheen jira. Haa ta’u malee tarkaanfiiwwan jijjiiramaa fudhataman hedduu kan nama jajjabeessani.

Kongeresiin baatii Fulbaanaa keessa ennaa wal ga’u oduu gaarii kanan ittiin ga’a jedheen abdadha. Anii fi dura taa’aa kan ta’an Chris Smith kan nuti gochuu yaannu keessaa US fooyya’ina argamaa jiru kana jajjabeessuu akkasumas akkamiin deggeruu akka qabdu adda baasuu fi Itiyoophiyaan gama kanaan attamiin gara fuula duraatti akka tarkaanfachuu gochuuf maal gochuu akka dandeenyu murteessuu dha.

Magaalaa ani keessa jiraadhu LA keessa lammiiwwan Itiyoophiyaa hedduutu jiru. kutaan magaalattii Itiyoophiyaa xiqqoo jedhamee waamamu illee ni jira.

Jijjiirama argamaa jiru dubbachuu akkasumas kaan illee yeroo yaadanii as gara biyya isaaniitti akka deebi’an jajjabeessuun yaala jedhan.

Jijjiiramni Itiyoophiyaa Keessaa Jajjabeessaa Dha: Miseensota Kongresii Ameerikaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:11 0:00

XS
SM
MD
LG