Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kriis Smiz Jijjirama Itiyoohiyaa Keessaa Ajaa’ibsiifatan


Kriis Smiz, miseensa mana maree bakka bu’oota uummata Ameerikaa
Kriis Smiz, miseensa mana maree bakka bu’oota uummata Ameerikaa

Yunaaytid Isteetes fi biyyoonni dimokraatawaa kanneen biroon muummicha ministeeraa Dr.Abiyyi Ahimad fi garee isaan gurmeessaniif dawoo akka ta’an miseensi mana maree bakka bu’oota uummata Ameerikaa Kriis Smiz abdii qaban ibsaniiru.

Lammiwwan Itiyoophiyaa mootummaa sadarkaa addunyaatti adda ta’e argachuu qabu ka jedhan Kris Smiz amma argataniiru jedheen yaada jedhan.Kunis itti fuufiinsa akka qabaatu akkasumas haallii jiruus gaarii akka ta’u dhugaa abdii nu kenneetu jira jedhan.

Itiyoophiyaa keessatti jjjirama argamee kan faarsan Kriis Smiz aangawoota badii dhaqqabeef itti gaafatamoo ta’an aangoo irraa kaasanii ka biraa iddoo busuun muummicha ministeeraa Abiyyi hojii gaariin gaggeessan gama ramaddii humna namaan gara foyya’iinsa biraatti biyyatti ceesiisa jedhu.

Dhimmootii ijoon HR-128 irraa ka’aman keessaa hundee kan ta’an hidhamtoota hiikuu fi bulchiinsa duraanii kan irree waraanaa ta’u xuqanii amma garu namoonni kuma hedduun hidhaa ba’uu fi kanneen badii dhaqqabeef itti gaafatamoo ta’an keessaa hangi tokko aangoo irraa kaafamuu ibsan.

Michoomnii qabsoo keenyaa uummata Itiyoophiyaaf ka jedhan kriis Smiz Amerikaa fi biyyonni demookraatonni ka biroon mummicha ministeeraa Abiyyii fi garee isaanif dawoo akka ta’an abdii qabna jedhan.

Kriis smiz namoota hidhaa keessatti dararaa hamaan irra ga’e kan dubbisan yoo ta’u Dr. Abiyyi Ahmad waliin marii gaggeessanii jiru.

Kriis Smiz Jijjirama Itiyoohiyaa Keessaa Ajaa’ibsiifatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:03 0:00

XS
SM
MD
LG