Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Mootummaa Eertraa Itiyoophiyaa Daawwataa Jira


Masaraan mootummaa Finfinnee kaleessa galma nageenyaa ta’ee jira. Muummichi ministeeraa Abiyyiin dabalatee angawooni Eertraa gameeyyiin weellisaa angafa Mohamud Ahimediin dursamuu dhaan waa’ee nagaa waliin faarsaniiru.

Kaleessa Finfinnee kan seene ministeera dhimma alaa Usmaan Saaleeh fi gorsaan addaa prezidaant Isaayyaas Afewerqii Yemaanee Gabra Aab kan keessatti argaman gareen jila mootummaa Eertraa masraa mootummaa keessatti afeerraan irbaataa godhameeraafi.

Sirni irbaataa kun garuu kan haasaan irratti dhageessisame, biyyoonni lamaan nageenya ilaalchisee ejjennoon qaban kan irratti calaqqise ture.

Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed haasaa dhageessisaniin biyyi isaanii nagaa buusuuf qophee ta’uu ishee dubbatan.

Holloota mara keessumaa Eertraa wajjin fedhii nagaa fi araaraa guddaa qabna. Sababiin isaas jibbii, arrabsoo fi wal ceepha’uun umurii amma irra jirruun waan nu fayyadu ta’ee nutti hin argamne.

Wal ceepha’uun ennaa umurii ijoollummaa in bareeda. Ennaa guddatan garuu nama dadhabsiisa. Kanaaf umurii amma irra jirruun Ertraa waliin wal ceephoo hin barbaannu, jaalala barbaanna.

Kan nu yaanne, Asmaraa dhufnee obboloota keenya waliin wal haammachuu dha. Sana irraa kan hafe gaaffiin ka biraan nuyiif xixiqaoo dha. Madaalliin jaalalaan gitu homtuu hin jiru.

Yoo jaalalaan walii galle, daangaa sararuu utuu hin taane, nu barbaachisuu iyyuu dhiisuu mala. Jaalalaan walii gallaan achii waanti irraa hafe yoo jiraate asii, asii immoo jiraannaan kan waliin qooddannu ta’a jedhan.

Muummichi ministeerichaa haasaa isaanii kanaan Eertraa waliin hariiroon jiru fooyya’uu kan qabu, hattamaan akka ta’u, kanaafis balballi banamuu isaa ibsaniiru.

Guyyaa har’aa golgaan gurraachi tarsa’uu isaa agarsiisa jedhan Dr. Abiy. Yeroo kana booddee jiru keessatti jaalalli attamiin guddata, attamiin waliin hojjenna isa jedhu waliin mari’annee, akka barbaachisetti biyyoota lamaaniif kan himnu ta’a. Artistoonni waggaa haaraa isa dhufu kan kabajnu Asmaraa keessatti waan ta’uuf ammumaa qophaa’uu qabna jedhan.

Jilli Mootummaa Eertraa Itiyoophiyaa Daawwataa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:12 0:00

XS
SM
MD
LG