Xurree ittiin seenan

Breaking News

Guyyaa Dararamtoonni Sadarkaa Addunyaatti Itti Yaadataman


Waxabajjii 26 addunyaa irratti guyyaa namoota dararaan adda addaa irra ga’e kan ittiin deggersa akka argatan ta’uun yaadatama jedhan barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa Antoniyaa Gutarrees.

Dararaan nama irraan ga’uu kam iyyu waan fudhatama hin qabnee fi sababaa tokko kan hin qabne dha jechuun barreessaa dureen tokkummaa mootummotaa Antoniyoo Gutarees dubbatanii jiru.

Labsii yeroo hatattamaa, tasgabii dhabiinsa siyaasaa ykn duula waraanaa keessatti iyyu yoo ta’e dararaan dhaqqabuu hin qabu jedhan.

Kanaaf kanneen dararaan adda addaa irra ga’e akkasumas maatiin isaanii cina dhaabachuun dararaa dhabamsisuuf waadaa seenne kabajuu qabna jedhan Gutarrees.

Isin dhaggeeffattonni keenya Oromoota dararaan adda addaa irra ga’e keessaa eenyuun yaadattu?Nu barreessaa.

Guyyaa Dararamtoonni Sadarkaa Addunyaatti Itti Yaadataman
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:35 0:00

XS
SM
MD
LG