Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Lixa Oromiyaa Keessatti Hidhaman Seeratti Dhihaachaa Hin Jiran Jedhama


Qindeessitoonnii fi miseensotni Koree Waajira Kongirasii Federaalistii Oromoo KFO ka Wallagga Bahaa 20 tahan erga humnoota nageenyaa mootummaan hidhamanii baatiin tokko darbuu qindeessitoota Koree Godinaa keessaa tokko ibsan.

Magaalaa Naqamteefi aanaalee Wallagga Bahaa afur keessatti namootni hidhaman kunneen seeratti hin dhiyaanne ykn hin gadhiifamne jedhu, miseensi Koree Qindeessituu KFO kun.

Bifuma wal fakkaatuun, godina Wallagga Lixaa aanaalee Mana-Sibuufi Sayyoo-Nooleetti, deggersa Waraana Bilisummaa Oromoof gootan sababaa jedhuun wal qabatee namootni 140 tahan baatiiwwan hedduuf hidhamuu maatii hidhamtootaa keessaa VOAtti dubbatan.

Hoogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa, namootni Oromiyaa Lixaatti hidhaman garri caalu waan "Shanee tahaniif yokaan Shanee wajjin hariiroo qabaniifi” jedhan.

Gabaasaa guutuu caqasaa.

Kanneen Lixa Oromiyaa Keessatti Hidhaman Seeratti Dhihaachaa Hin Jiran Jedhama
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:34 0:00


Yaadawwan Ilaali (17)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG