Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Maallaqa Biyyaa Dhoksaan Baasan Saaxilaman


Eddu-gala Faaynaansii magaala Paanaamaa (Suuraa faayilii)
Eddu-gala Faaynaansii magaala Paanaamaa (Suuraa faayilii)

Gabaasnii Dilbata dabree ifa ta’e kun Gaazexxeesoota 600 caalaa kanneen Midiyaalee 150 biyyoota 117 keessaa jiraniin qorannaan gaggeeffame irraa argame.

Ragaaleen dhimmoota iccitiin qabaman irraa argaman kun walii galtee ammaan dura gareelee giddutti akkasumas maalaamatummaan argaman irratti kan fulleeffatan akkasumas attamittiin biyya biraa keessatti herreega baankii banuun qabeenya doolaara Triliyoona hedduu walii galaan akka ka’atan agarsiisa.

Namoota siyaasaa kan duraanii fi ammaa kanneen 330 caalantu herrega Baankii iccitiin banamee kana keessaa qooddachuun ibsamee jira.

Mootiin Joordaan Abdallaa lammaffaa, mummicha ministeera Briteen duraanii Tonii Bleeyeer, Mummicha ministeera Ripaabliika Cheek duraanii Andreej Baabis, Prezidaantii Keniyaa Uhuuruu Keenyaattaa, Prezidaantii Ekuwaadoor Guillermo Laasso fi mummichi ministeera paakistaan Imraan Khaan fi prezidaantii Raashiyaa Vlaadmiir Putiniif waliin kanneen duraan hidhata qaban warra maqaan isaanii tarreefamee keessa jiran.

Prezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keenyaattan fi maatiin isaanii, doolaara Biliyoona hedduu biyya isaanii keniiyaan ala dhoksaan ka’achuun isaanii kan ibsamee yoo ta’u, maatiin keenyaattaa Doolaara Biliyoona walakkaa biyya paanaamaa fi odoola Briitisha Varjiin Aylaand jedhamu akkasumas Landan dabalatee biyyoota hedduu akkasumas dhaabbattoota yoo xiqqaate 7 ta’an keessa ka’atanii jiru.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

XS
SM
MD
LG