Xurree ittiin seenan

Breaking News

Marii Angaawota Amerikaa Fi Farnsaayii


Ministeerri hajaa alaa Amerikaa Antonii Bliinkan, gara Faransaayti eega imalanii booda, Kibxata har’a Prezidaantii Fransaayii Immanuel Makron waliin hariiroo jiru foyyeessuu irratti dubbatan.

Kunis Amerikaa Briteen fi Awustraaliyaan miichooma nageenyaa tolfachuun isaanii falmii eega kaasisee booda.

Angawaan Amerikaa tokko oduu gabaastootaaf akka ibsanti, walgahiin isaanii kun sagantaa Bliinkan irra kan hin turree fi daqiiqaa 40 kan fudhate ta’u fi lameenuu projeektii waliin qabaachuuf malan kan dhuma baatii kanaa prezidaant Maakroon fi prezidaant Baaydiin yeroo wal argan labsuuf deeman irratti mariin kun dubbachuun ibsamee jira.

Bliinkan dursanii gaafa Kibxataa ministeera haajaa alaa Faransaayii fi gorsaa waa’ee nageenyaa kan Farnsaayii waliin dubbatanii turan.

Jaarmayaa walta’iinsa dinagdee fi misoomaa, walgahii kaawunsilii ministeerootaa Paariis keessatti qabu, Bliinken dura teessummaan kan gaggeessanii fi haasawaa kan dhageesisan ta’uun beekamee jira.

XS
SM
MD
LG