Xurree ittiin seenan

Breaking News

Loogii fi Moggaatti Qabuun Ijoollee Qaamni Miidhame Irra Jiru Dhaabachuu Qaba Jedha Dhaabi  Bu’aaf Hin Hojjenne Kan Minnesota Keessa Jiru 


Dhaabbati kennaa, jedhamu kan ijoolleee qaammi miidhame gargaaru as Yunaayitid Isteetis kutaa Minisootaa keessatti waggaa lama dura hundeeffame.

Loogii fi Moggaatti Qabuun Ijoollee Qaamni Miidhame Irra Jiru Dhaabachuu Qaba Jedha Dhaabi  Bu’aaf Hin Hojjenne Kan Minnesota Keessa Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:12 0:00

Kaayyoon Dhaabi kun hundaa’e loogii fi moggaati qabuun ijoollee Qaamni isaanii miidhamee fi maatii isaanii irra jiru akka hafu hawaasa dadammaqsuu fi hubannoo kennuu yoo ta’u, duula kanas hawaasa keessa jiraatan darbees Kanada fi Awustiraaliyaa keessaatti jalqabuu dubbatu bu’uursituun dhaabichaa aadde Haliimaa Loloo.

Sababaa COVID-19n hojiin isaanii danqamee kan ture ta’us amma ijoollee qaammi miidhame keessumaa iyyeeyyii ta’an gargaaruuf gara biyyaa deemuuf ka jiran ta’uu ibsan aadde Haliimaan.

Meeshaa kan akka wheelchair fi barnootaaf gargaaru illee NGO LOKO jedhu akka kennuuf waadaa nuu seeneera jedhan. Dhaaba kaayyoo keenyaan wal fakkaatu kan biyya keessa jiru kan akka “Dibora foundation” waliin illee hojjechuuf karoorsineerra jedhan aadde Haliimaan.

XS
SM
MD
LG