Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addunyaa irratti lakkoobsi namoota vaayrasii koronaan du'anii miliyoona 5 gahe


Faayilii - Namoota dhukubsataa gara hoospitaalaa geessaa jiran, Raashiyaa, Onk 16, 2021
Faayilii - Namoota dhukubsataa gara hoospitaalaa geessaa jiran, Raashiyaa, Onk 16, 2021

Addunyaa irratti lakkoobsii namoota dhukkuuba KOOVIID-19 du’anii Miliyoona 5 ga’u isaa,Waaltaan Waa’ee dhukkuba KOOVIID-19 qoratuu kan Yunivarsitii Jaan Haapkiins beeksisee jira.

Wiixata har’a akka gabaasfameetti lakkoobsii kun Miliyoona 5 fi 425 dhaqqabee jira. Baatii Waxabajjii dabree namoonni dhukkuuba Kanaan dhuman Miliyoona 4 akka ta’e eega gabaafamee booda, inni ammaa kun immo dhaga’ame.

Biyyonni hangii tokko lammiwwan isaaniif talaalii tokko akka argatanii waraanatan carraaqaa yeroo jiran kanatti, isaan kaan immoo talaalii qaamnii humna dhukkuba of irraa ittisuuf qabu daran akka jabeessuu gargaaruu fi Buustar jedhamu uummata isaaniif Kennaa ituu jiranii dhumaatiin kun dhaga’ame.

Jaarmayaan Fayyaa Addunyaa xalayaa iyyataa biyyoota Dureeyyii G-20 jedhaman kanneen yeroo ammaa Room keessatti walga’aniif dhiyeesseen, raabsa talaalichaa ilaalchisee garaagarummaa guddaa biyyoota dureeyyii fi hiyeeyyii gidduu jiru irratti fulleeffate.

Adda addummaan mullataa jiru, lubbuu biyyoota hiyeeyyii keessaa fi dhkkuubaaf saaxilamoo ta’an kana callinsaan ilaaluu akka jiru agarsiisa jedha Jarmayaan Fayyaa Addunyaa.

Biyyoota madda galii olaanaa ta"e keessatti, namoota 100f Doozii 113tu kennamee jedhee biyyota madda galii gad aanaa qaban keessatti garu namoota 100f Dozii 4tu kennamee jedhee jira.

XS
SM
MD
LG