Xurree ittiin seenan

Breaking News

Sudaan Keessatti Mormiin Itti Fufee Jira


Mormii Sudaan keessaa (suuraa faayilii)
Mormii Sudaan keessaa (suuraa faayilii)

Tokkummaan Mootummootaa tarkaanfii gara fuula duraatti fuhatamuu maluu kan ilaaleen Dilbata kaleessaa mummicha ministeeraa aangoo irraa darbaman kan Sudaan Abdallaa Haamdook waliin dubbatee jira.

Kunis uummanni kuma hedduun fonqoolcha mootummaa waraanni torban dabree gaggeessee mormuun eega hiriiree guyyaa tokko booda ta’u isaati.

Sudaanti jillii addaa kan Tokkummaa Mootummootaa Volker Pertes akka jedhanti, Haamdook nagaa dha garu mana ofii keessaa akka hin baanee ugguramanii jiru.

Dilbata kaleessaa horiirtoonni daandilee irra kan turan yoo ta’u hedduun isaanii daandilee cufan. kunis gaafa Sanbataa hiriira guddaan eega gaggeeffamee booda.

Magaala Omdurmaan keessatti Sambata dabree humnootiin nageenyaa namoota 3 kan ajjeesan yoo ta’u, walii galaan lakkoobsii namoota erga fonqoolchi mootummaa ta’e as ajjeefamanii 14 ga’e jira.

Hiriiruu fi daandilee cufuu jiraatu iyyu magaalaan Kaartuum hanga tokko tasgabii horatee jira.Iddoo biraatti garu Jeneraa lAbdel Fattah Burhaan aangoo qabatanii labsii yeroo hatattamaa labsuu isaaniin mormuun itti fufee jira.

Erga waraannii aangoo qabatee as Tokkummaan Mootummootaa fi Amerikaan gargaarsa Sudaaniif kennan dhaabuun, rakkoo dinagdee biyyatti mudatee daran hammeessuuf jira.

XS
SM
MD
LG