Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koronaan Chaayinaatti Hammaachaa jira


FAAYILII - Hojjattoota magaala Jiliin keessatti qorannoo OVID-19 gochuuf qophiitti jiran, Chaayinaa, Bitootessa 12, 2022
FAAYILII - Hojjattoota magaala Jiliin keessatti qorannoo OVID-19 gochuuf qophiitti jiran, Chaayinaa, Bitootessa 12, 2022

Kaaba bahaa Kutaa biyya Chaayinaa, bulichiinsa Jiiliin keessatti dhibeen Kooviid 19 akka haaraatti faffaca’uu jalqabuu isaatiin kan ka’ee mootummaan Chaayinaa jiraattonii kutaa biyichaa Miiliyoonii 24.1 ta’an akka naannoo isaanii keesaa hin baane taasiseeraa.

vaayirasii hariitidhaan nana irraa namatti daddarbaa jiru kanaan kutaalee biyatti adda adda fi magaalota adda adda keessaatti wixataa kaleessaatii as nomoonni 3, 507 kan qabaman yemuu ta’u, akka komishiiniin fayyaa biyaalessaa jedhutti, guyyaatti namoottan 1,337 oltuu qabamaa jiraa.

Amma ammatti namoottan Vaayiresichaan qabaman keessaa harkii 90n kan argaman kutaa biyyaa jiiliin keessatti yemuu ta’u , Bitootessaa 14 jalqabee guutummaa Chayinaa keessatti lakkoofsi namoottan vaayiresichaan qabamanii kuma 120,504 gahuun isaa ibsameeraa.

Dhibeen koroonaa waggootan sadan kanaaf adduuyaa jeeqaa jiru yeroo jalqabaatiif Chaayinaa keessatti akka mul’ate kan beekamu yemmuu ta’u, amma ammaati dhibeen kun adduunyaa irratti namoottan Miiliyoonii 6 ol ajjeesuun isaa gabaasameera.

XS
SM
MD
LG