Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin Yeroo Hatattamaa Nagaan Ce’umsa Geggeessuuf Balaa Dha: Gamtaa Awrooppaa


Dubbi himaan dhimmootii alaa kan gamtaa Awrooppaa haala yeroo kan Itiyoophiyaa keessaa ilaalchisuun har’a ibsa baaanii jiran.

Hariiroon alaa kan gamtichaa ibsa kenne kanaan muummichi ministeeraa Haayilemaariyaam Dassaaleny aangoo gad dhiisuun Itiyoophiyaa keessaa wal amantaaf haalli sirriitti kana ta’a jedhu dhabamuuf sababaa akka ta’e ibsee, komee uummataaf deebii kennuuf jecha muummichi ministeerichaa kaka’umsa isaaniin kan dubbatan jijjiirammi gaariin guutummaan akka itti fufu gochuun mootummaa haaraa dhufaa jiruuf baay’ee barbaachisaa akka ta’e illee tuqeera ibsichi.

Itti dabaluu dhaanis rakkoo uumameef furmaata waaraa kennuuf ce’umsa nagaa fiduuf kan gargaaru angawoonni, mormitoonni, sabaa himaaleen, waldooleen siivilii fi walumaa gala qaammi dhimmi ilaallatu martinuu marii keessatti hirmaatu geggeessuu qofaa akka ta’e illee hubachiiseera.

Labsiin yeroo hatattamaa deebi’ee labsamuun, haala nagaan ce’umsa geggeessuu balaa irra kan buusu kan beeksise ibsi gamtichaa, labsichi hamma danda’ametti yeroo gabaabaaf akka ta’uu fi mirga namaa heera biyyattii irra taa’ee jiru kan hin dhiitne akkasumas gochaaleen hookkaraas akka ittisamu ta’uu akka qabu beeksiseera.

Dhuma irrattiis Michummaa keenya Itiyoophiyaa waliin qabnutti biyyattii keessatti nagaan waariinsa qabuu fi jijjjiiramni dimokraasii akka dhufu gochuuf lammiin martinuu waliin akka hojjetan ibsi gamtaa Awrooppaa kun cimsee yaadachiisa.

XS
SM
MD
LG