Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbaa Manaa Koo Wajjiin Waan Hidhamneef Daa’iima Keenya Dhaabbata Tokkotu Fudhee Guddise. Urgee Abbabaa


Hidhaa Ba’uun Koo Qilleensa Haaraa Argachuuf Yoo Ta’e Malee Bilisummaa Aragmsisee Hin Qabu. Baaccuu Margaa

Waggaa 10 dura yeroo to’annaa jala olteetti Ofii ishee du’aa adabamuu fi abba warraa ishee Girmaa Raggaasaa hidhaa umrii guutuutu muteeffame akka ture kan dubbattu Urgee Abbabaa yeroo sana daa’iima waan qabduuf waliin hidhamnee jette.

Mucaan umriin ishee yeroos waggaa tokko ture Dibooraa Girmaa Raggaasaa haadha waliin waggaa lamaaf mana hidhaa keessa eega turtee booda dhaabatti daa’imman guddisu akka fudhatu ta’e. Yeroo ammaa umriin ishee 13 akka ta’e kan dubbattu Urgeen ammaan booda fudhee guddisuuf hin danda’uu jetti.

Sababiin isaas hidhaa waggaa kudhanii booda reefuu baatee lafa jireenyaas ta’e waan ittiin jireenya gaggeessitu hin qabdu. Abbaa manaa ishee Girmaa Raggaasaa hidhaa keessatti waan hafeef jecha jireenyii kana boodaa salphaa hin ta’u jetti.

Gama kaaniin waggaa 11 dura kan hidhamte Baaccuu Margaa Fayyisaa hidhaan waggaa kudha saddeeti kan irratti muramee ta’uus gidduu kana gadhiifamtee jirti.Dhuka’aa ykn Fanjii qabattee argamtee jedhamuun himatamtuus an garu quba hin qabu jetti.Hidhaa keessaa ba’u koon qilleesa haaraa argachuu yoo ta’e malee bilisummaa naa argamsisee hin qabu.

Waa’ee namoota waliin hidhamanii achii keessaa hin ba’iin hafan waan jiraniif gammaachuun koo guutuu ta’u baatus Qeerroon kanneen mana hidhaa keessatti hafan akka baasan nana abadadha jetti.

Abbaa Manaa Koo Wajjiin Waan Hidhamneef Daa’iima Keenya Dhaabbata Tokkotu Fudhee Guddise. Urgee Abbabaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:15 0:00

XS
SM
MD
LG