Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsiin Yeroo Hatattamaa Labsame Haggamiif Akka Ta'e Hin Ibsamne


Deeggartoota Obboo Baqqalaa Garbaa - simannaa Adaamaatti godhameef irratti, Guraandhala 14, 2018
Deeggartoota Obboo Baqqalaa Garbaa - simannaa Adaamaatti godhameef irratti, Guraandhala 14, 2018

Manni maree ministeerotaa Itiyoopiyaa wal ga’ii ariifachiisaa har’a geggeesseen heeraa fi sirna heeraa balaa irraa oolchuuf kan jedhe wixinee labsii yeroo hatattamaa qophaa’e irratti mari’atee murtii dabarseera.

Haaluma kanaan mootummaan heera mootummaa fi sirna heera balaa irraa eeguuf nagaa fi tasgabbii eegsisuu, Nagaa fi nageenya biyyaa eeguu, wal qixxummaa uummataa dhugoomsuu dhaan lammiiwwan walabummaan akka deddeebi’anii fi bakka filtan akka jiraatan akkasumas,

Mirga heerri eeyamuuf, kan qabeenyaa horachuu isaanii eegsisuuf itti gaafatamni irra jiraachuu isaa hubatee, yeroo dhiyoo qabee kutaalee biyya keenyaa hanga tokko keessatti heeraa fi caasaa heeraa akkasumass nagaa uummataaf waliin jiraachuu isaanii balaaf kan saaxilu, damee daldala dhuunfaa fi kan mootummaa kan gufachiisu, ol aantummaa seeraa kan dadhabsiisu bakka isaas, humnaan gargaaramanii jeequmsa uumuu dhaan sirna dhablummaa geessisee lubbuu namoota hedduu kan galaafate haleellaan gosa irratti hirkateef uummata qe’ee ofii irraa buqqaase dhaqqabaa, dinagdeen keenyaa miidhamaa, qabeenyaan manca’aa fi uummati nagaan ba’ee galuu waan dadhabeef, haalli kunis yeroon isaa dheerataa fi bal’ataa adeemuu hubachuu dhaan kanaanis uummati naannoolee adda addaa, mootummaan eegumsa akka godhuuf walatajjii garaa garaa irratti gaafataa waan tureef, balaa heeraa fi sirna heeraa dura dhaabate kana naamusa seeraa kan idilee gargaaramuun ittisuu fi to’achuun sadarkaa hin danda’amne irra waan ga’eef, sirna heeraa kan eegisisu labsii yeroo hatattamaa labsuun itti amanameera.
Kanaaf, akka heera Itiyoopoiyaa keeyata 93 lakkoobsa 1 A irra taa’ee jirutti, labsiin yeroo hatattamaa labaameera. Labsiin kunis mana maree ministrootaan guyyaa itti labsame akka lakkoobsa Itiyoophiyaa guyyaa har’aa jechuun Guraandhala 9 bara 2010 qabee hojii irra ooleera.

Labsiin Yeroo Hatattamaa Labsame Haggamiif Akka Ta'e Hin Ibsamne
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:59 0:00

XS
SM
MD
LG