Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Gargaarsi midhaan nyaataa nuuf dhiyaataa ture nurraa hirratee beelaaf saaxilamaa jirra’ Baqattoota Buufata Baqataa Keeniyaa keessa jiraatan


Jaarmayaan Gargaarsa Dhiyeessa Midhaan Nyaataa Addunyaa gargaarsa isaanirraa hirrisuun beelaaf akka saaxilaman baqattoonni buufataalee Keeniyaa keessa jiran dubbatan. Baqataan lammiin Oromoo Buufata Baqataa Keeniyaa Kaakumaa jedhamu keessa waggaa 12 jiraatan tokko, ‘hir’achuu gargaarsa kanaatiin maatii isaanii deeggaruun akka itti cime dubbatanii, baqattoonni hedduunis rakkoorra jiraachuu dubbatu.

Walakkeessa Hagayya darbe kanaa buufataalee Baqataa Keeniyaa keessa jiran ka daawwatanii turan Hoogganaan Dhaabbata Baqataa UNHCR Filiippoo Giraandii ‘dhimmi gargaarsa midhaan nyaataa baqattootaaf taasifamaa ture hirrachuu yaaddessaa akka tahe himanii waan kun akka fooyya’u waadaa seenanus haga yoonaa garuu baqattoonni rakkoon kun akka hin furamne dubbatu.

Baqattootaaf midhaan gargaarsaa ka dhiyeessu Sagantaan Dhiyeessa Gargaarsa Midhaan Nyaataa Addunyaa (WFP)’n rakkoon kun ka mullate maallaqni gargaarsaa dhabamuun akka ta’e dubbata. Maartiin Kaariimii Dubbi Himaan Sagantaa Gargaarsaa Midhaan Nyaataa Addunyaa Damee Keeniyaa ‘Baqattoota Buufata Baqataa Keessa jiran ji’a ja’aaf gargaaruuf baasiin gaafatame argamuu baannaan rakkoon kun kanarra cimuu akka danda’u akeekkachiisaniiru.

Galmoo Daawit gabaasa itti aanu Naayiroobiidhaa nuuf ergeera.

‘Gargaarsi midhaan nyaataa nuuf dhiyaataa ture nurraa hirratee beelaaf saaxilamaa jirra’ Baqattoota Buufata Baqataa Keeniyaa keessa jiraatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:21 0:00

XS
SM
MD
LG