Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoji-dhaabinsi Mormii fi Hiriirawwan Oromiyaa Keessaa Guyyaa Sadaffaaf Itti-fufanii Oolan


Mormii Oromiyaa (Faayilii)
Mormii Oromiyaa (Faayilii)

Godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti, har’a, hoji-dhaabinsi mormii itti fufuu isaa fi hiriirawwan geggessamuu isaanii jiraattonni nuuf ibsanii jiran. Hiriirawwan kun gama tokkoon Obbo Baqqalaa Garbaa faa hiikamuutti gammachuu isaanii ibsuutti ka fuuleffate gama biraatiin immoo, gaaffiilee guguddoo furmaata hin argatiin jiran gaafachuutti ka fuuleffate tahuu dubbatan.

Godinaa Gujii Lixaa keessa ka jiru aanaan Dugda Daawwaa, Godinaa Wallagga Lixaa, aanaa Boojii Dirmajii keessa ka jirtu bakki dhalata Obbo Baqqalaa Garbaa – magaalaan Biilaa, Godinaa Horro_Guduruu Wallaggaa, aanaa Jimmaa Gannattii keessa ka jirtu – magaalaan Haratoo kanneen har’a hiriirri keessatti geggeessamaa oole keessaa haga tokko. Godinaa Shawaa Kaabaa, aanaa Kuyyuu, magaalaa Garba Gurraachaa keessatti immoo aangawoonni aanaa uummata mormiitti hirmaate reebuu fi hiraarsuutti turan – jedhu jiraattonni. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

XS
SM
MD
LG