Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godiina Baalee Ganda Maddaa Keessatti Kan Nama Ajjesee fi Madeesse Raayyaa Waraanaati. Angawaa Nageenyaa


Oromia map
Oromia map

Godiina Baalee aanaa Madda Walaabuu ganda Maddaa jedhamu keessatti Wiixata darbe Raayyaan waraana biyyaa uummata lafa gabaatti daldalaa ture irratti meeshaa konkolaataa irratti hidhee dhukaasa baneen nama 3 ajjesuu fi kanneen birooi 7 madeessuu isaanii aangawaan waa’ee bulchiinsaa fi nageenyaa aanaa madda walaabuu Obbo Maammuyyee Balaayneh ibsanii jiru.Jiraattonni akka jedhanti garu lakkofsii namoota ajjefamanii 4 kan ga’e yoo ta’u kanneen mada’anis 15 ta’u dubbatu.

Sababaa haleellaa kanaas ennaa ibsan ammaan dura Sukkaarri kuntaala shantama dhoksaan( Kontroobaandii) fe’amee madda walaabuu seene to’annaa jala oolchuun kanneen gocha kana keessaa harka qaban himatamanii waan adabamaniif jecha gocha haaloo ba’iinsaa kana raayyaan ittisa biyyaa nu irratti fudhate jedhan.

Namoota rasaasaan mada’an torba keessaa shan wal’ansa dabalataaf gara Nagallee Boranaatti ergamuu isaan keessaa immoo lama midhaa hamaa isaan musateef gara Awaasaatti ergamu Obbo Maammuyyee Balaayneh ibsanii jiru.

Gaaffii fi Deebii Caqasaa

Godiina Baalee Ganda Maddaa Keessatti Kan Nama Ajjesee fi Madeesse Raayyaa Waraanaati. Angawaa Nageenyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:46 0:00

XS
SM
MD
LG