Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Obbo Tamaam Abba Bulguu fi Obbo Olbaanaa Leellisaa Maal Jedhu?


Mootumman Itiyoopiyaa waltajjii siyaasaa bal’isuuf jecha kanneen mana hidhaa keessa jiran hanga tokko himannaa isaanii addaan kutuun kaan immoo dhiifaman kan gad dhiisu ta’uu beeksisuun isaa ni yaadatama.

Haala kanaan koree furmaata barbaadu kan dhimmoota musliima Itiyoopiyaa dabalatee walumaa galaan galmee obbo Abubakar Ahmed irratti himatamanii kan hanga har’aatti mana hidhaa jiran namoonni afur Ahmaddiin Jabal, Ahmad Musxafaa, Mohaammad Abaatee fi kaaliid Ibraahim har’a gadhiifamanii jiran.

Kanneen galmee obbo Abubakar Ahmed irratti himatamaniif jalqaba Abukaatoo kan turan Obbo Tamaam Abba Bulguu himatamanii seeraan hojii isaanii akka dhaban irratti murtaa’ee kan ture yoo ta’u amma garu hojii isaaniijalqabuu dubbatu.

Gama Kaaniin waggaa kudhaniif mana hidhaa keessa kan turan obbo Olbaana Leellisaa har’a ituu hin labsamin gadhiifaman.Oromoonni ka biraanis gad dhiifamuun dubbatamaa jira.Hordoofnee ka dhiyessinu ta’u beeksiifna.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Ustaaz Ahmaddiin Jabal, Obbo Tamaam Abba Bulguu fi Obbo Olbaanaa Leellisaa Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:54 0:00

XS
SM
MD
LG