Xurree ittiin seenan

Breaking News

Shamarran Hidhaa Ba’an Maal Jedhu?


Shamarran Oromoo guyyaa kaleessaa hidhaa gadhiifaman keessaa tokko Dirribee Ittaanaa waggaa kudhan dura qabamte.Himannaan Dirribee fi namoota ka biroo shan irratti dhiyaatee ture biyyattii keessa iddoo garaa garaa deemuun waraana ABO gargaartuu akkasumas buufata boba’aa gubdan kan jedhu ture.

Dhuma irratti adaba kennameen Dirribee Ittaanaa, Obboleessa ishee Darguu Ittaanaa fi Shamarree Urgee Abbabaa adaba du’aatu irratti murame.Kanneen biroon Girmaa Raggaasaa Hidhaa umrii guutuu Indaalee Nagarii hidhaa waggaa kudhanii akkasumas Warqinash Guutee wabiin eega gadhiifamtee booda biyyaa waan baateef lafa isheen hin jirreetti hidhaan waggaa lamaa irratti murame.

Garu guyyaa kaleessaa du’an kan adabaman Dirribee Ittaanaa fi Urgee Abbabaa akkasumas kan yeroo hidhaa isaa xumuree Indaalee Nagarii gadhiifamanii jiru.

Gama kaaniin Raadiyoo sagalee Qerroo gargaaramuun Gaazexxessummaa fi Artiin dahaatanii uummata kakaasuun mootummaa kuffisuuf yaalan kan jedhaman himatamtoota torba keessaa afuur kaleessa gadhifamanii jiru.

Kanneen gadhiifaman kunis Qananii Taammiruu, Seenaa Solomoon, Isaayaas Kifluu fi Baahiluu Naccoo yoo ta’an Oliyaad Baqqalaa, Ifaa Gammachuu fi Mo’ii Bulii hin ba’iin hafan.

Shamarran sadii wajjiin gaaffii fi deebii gaggeeffame caqasaa.

Shamarran Hidhaa Ba’an Maal Jedhu?
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:56 0:00

XS
SM
MD
LG