Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Hidhaa Magaalaa Shaashamannee Ni Gubate: Jiraattotaa fi Angawaa


Kantiibaa magaalaa Shaashamannee, aadde Xayyibaa Hassan
Kantiibaa magaalaa Shaashamannee, aadde Xayyibaa Hassan

Godina Arsii Lixaa mgaalaa Shaashamannee keessa kan jiru manni sirreessaa gubachuu isaa jiraattonnii fi bulchaan magaalattii mirkaneessaniiru.

Jiraattonni akka jedhanitti aangoo gad dhiisuu muummicha ministeeraa Itiyoophiyaa ilaalchisuu dhaan gammachuu itti dhaga’ame ibsaa akka ture ibsaniiru. Manni hidhaa godinichaa kan magaalaa Shaashamannee keessa jiru immoo gubataa jiraachuu ijaan arguu isaanii dubbatu.

Kantiibaan magaalaa Shaashamannee aadde Xayyibaa Hassan illee gubachuu mana hidhaa kana mirkaneessuu dhaan ibidda kanas kan qabsiisan sirreeffamoota ta’uu ibsan. Muummichi ministeeraa aangoo gad dhiisuu akka waan mootummaan diigameetti kan fudhatan hidhaa dhaa ba’uu kan dandeenyu yoo gubne kan jedhu yaada dogoggoraan ka’anii ti jedhu aadde Xayyibaan.

Gama biraan immoo namoonni hoogganoota siyaasaa obbo Baqqalaa Garbaafaa dabalatee mana hidhaatii ba’an simachuuf utuu deemnuu humnoonni mootummaa Arsii magaala Ittayaa irratti nu dhaabuun haleellaa geessisaniin lubbuun namaa badeera jedhu kanneen imalaa jiran keessaa namoonni nuti haasofsiisne. Bulchaan godina Arsii obbo Jamaal Kadir garuu walitti bu’iinsa namoota dhuunfaa gidduutti uumameen namoonni wal rukutanii hanga lubbuun namaa darbutti miidhaan dhaqqabe malee humni mootummaa haleellaa kana keessatti hirmaate hin jiru jechuun haalan.

Manni Hidhaa Magaalaa Shaashamannee Ni Gubate: Jiraattotaa fi Angawaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:28 0:00

XS
SM
MD
LG