Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lagi Awaashii fi Haroon Qooqaa Guutee Lola'uun Namoota Gara 20,000 Qe'ee Buqqaase


Godinaalee Oromiyaa, Shawaa Bahaa fi Arsii keesatti lolaa bishaanii lagi Awaashi guutuu irraa uumameen, namoonni gara kuma digdamaatti dhihaatan manaa fi qehee ofii irraa buqqa’uu isaanii Koomishinni Qajeelcha To’annaa Yaaddoo Balaa, kan naannichaa beeksisee jira.

Haga ammaatti lubbuu namaa fi horii irra miidhaan gahe akka hin jirre ka dubbate Koomishinichi, godinaalee lameen keessa kanneen jiran – aanaalee sagal keessatti namoota balaa kanaan buqqa’aniif mootummaan gargaarsa yeroo balaa ka kennaa jiru tahuu ibsee jira. Muktar Jamaal tu gabaase.

Lagi Awaashii fi Haroon Qooqaa Guutee Lola'uun Namoota Gara 20,000 Qe'ee Buqqaase
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:03 0:00


XS
SM
MD
LG