WAASHINGITAN, DIISII —
Waldaan Gargaarsa Nageenyaa fi Misooma Dubartootaa HANDARII jedhamu waggaa tokkoo fi ji’a afur dura magaala Finfinnee keessatti hundeeffame. Waldaa kana dubartoota 30 ta’an walitti dhufuu dhaan ture kan hundeessan. Bu’uursitoota waldichaa keessaa Aadde Baataa Ida’oo fi Aadde Alimaa Warraa haasofsiiseen jirra.
Kaayyoon waldaan kun dhaabateef hamma danda’ame waan dandeenyeen wal gargaaruun rakkoo uummata keenyaa hanqisuuf fala ta’a jechuu dhaan bu’uursitoota HANDARII keessaa tokko kan ta’an aadde Baataan VOAf ibsaniiru.