Xurree ittiin seenan

Breaking News

Wallaggaa Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaa Keessatti Haleellaan Jiraattotarratti Raaw’atamuu, Jiraattonni Tokko Tokko Dubbatan  


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Oromiyaa Lixaa, godina Wallagga Bahaa, aanaa Sibuu Siree fi godina Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Amuruu keessatti Riphxe Loltoota Waraana Bilisummaa Oromoo ofiin jedhan mootummaan Itoophiyaa ammoo “Shanee” ittiin jedhuu fi hidhattoota Amaaraan ajjeechaan raawwatamaa jira jedhan jiraattotni tokko tokko.

Jiraattota kanneen keessaa tokko tokko hidhattootaan qabeenyaan isaaniillee akka manca’etti himanii, gargaarsi gama mootummaan taasisame hin jiru, jedhan. Dhimma kanarratti, Komishinii Poolisii Oromiyaa, Biiroo Dhimma Komunikeeshiniifi Bulchiinsaafi Nageenyaarraa deebii argachuuf gabaasaan VOA irra-deddeebiin bilbilee itti hin milkoofne. Ministeerri Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa ammoo “Finxaaleyyiin Oromiyaa keessatti walitti bu’iinsi sabaa akka jiru fakkeessuu fi bu’aa siyaasaa argachuuf hojjatu” jedhanii jiran.

Wallaggaa Bahaa fi Horro Guduruu Wallaggaa Keessatti Hidhattoota Garee Lamaan Haleellaan Jiraattotarratti Raaw’atamuu, Jiraattonni Tokko Tokko Dubbatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:44 0:00

XS
SM
MD
LG