Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Biyya Alaa Ityoophiyaa Keessa Jiran Doorsisamaa Jiru: Embasii Ameerikaa Kan Finfinnee


Embasichn Ameerikaa kan Finfinnee vaayresii koronaa ilaalchisee ilaalchi farra namoota biyya alaa hammaataa adeemuu ilaalchisee gabaasa argachuu kan itti fufe ta’uu ibsee jira.

Vaayresiin koronaa Itiyoopiyaa keessatti mul’achuu isaatti aansee guyyoota hanga tokko booda lammiiwwan biyya alaa biyyattii keessa jiran irraan balaa ga’uu fi doorsisi raawwatamu isaa fi kanaanis embasiin Ameerikaa kan Finfinnee jiru ibsa of eeggannoo baasee jira.

Embasichi vaayresii koronaa ilaalchisee ilaalchi farra namoota biyya alaa hammaataa adeemuu ilaalchisee gabaasa argachuu kan itti fufe ta’uu ibsee jira.

Jechoota kallattiin namoota biyya alaa irratti darbamu Chaayinaa, Faranjii jechuu dhaan Koronaa waliin wal qabsiisanii faca’ina vayresii kanaaf namoota biyya alaa Itiyoophiyaa keessa jiran yakku jedhee jira ibsi kun.

Akka gabaasa sanaatti namoonni biyyootii alaa dhakaa dhaan haleelamu, tajaajila geejjibaa dhorkatamu, faana hordofamanii vaayresii koronaa qabda jechuun qeeqamu jedha. Itiyoophiyaa keessaa namoonni vaayiresii kanaan qabaman ja’a yoo ta’an kanneen keessaa afur lammiiwwan biyya alaa jechuun lammiiwwan jaappaan sadii kan angawoota daladalaa ol aanoo ta’anii fi tokko immoo diplomaatii lammii Briteeni.

Embasiin Ameerikaa lammiiwwan Ameerikaa qofaa akka hin deemne yoo haleellaan dhufes qooda ijaa ba’uu jalaa akka dheessan waamicha dabarseera.

XS
SM
MD
LG