Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itooppiyaa Keessatti Dhukkubi Maalummaan Isaa Hin Beekamne Horsiisee Bulaa Hedduu Galaafate


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Horsiise bulaan Itiyoophyaa 2000 ol ta’an kanneen naannoo Somaalee keessaa erga bara 2014 qabee dhukkuba maalumma isaa hin beekne kan funyaanii fi afaaniin dhiigi ba’uun du’anii jiru.

Akka gabaasaalee adda addaatti mallattooleen argaman miillaa fi harka dhiitessuu fi iji keessi bifa magariisaa fi keelloo qabachuu dha.

Namoonni miidhaan kun irra ga’e naannoo naannoo Ogaden keessa beeladaalee kan tikfatan yoo t’u immoo kampaniilee zayitaa fi gaazii uumamaa qotanii baasuuf barbaadantu gamas ture.

Gabaasaaleen du’a dhibee maalummaan isaa hin beekamne dhaqqabiisu kanaa warren gama dhiyaa fi qoattoota gareelee mirga namaan qiyyaafanni itti kennamee jira.

Kampaniin Chaayinaa Poly-GCL jedhamu erga bara 2014 qabee naannoo Ogaden keeessa zayitaa fi gaazii uumamaa qotee baasuuf barbaadaa ture. Mootummaan Itiyoophiyaas kampanii Chaayinaaf kanaaf galii argamu keessaa walakkaa qooduuf walii galatee mallatteessee jira. Ujummoon yoo diriirfame Itiyoophiyaan gaazii uumamaa biyya alaatti erguu dandeessisa. Jiraattonni naannoo hojii kana hojjechuuf kan isaan hin mariisisne ta’uu dubbtu. Mootummaan Itiyoophiyaa projektiin kun rakkoo fayyaa fi qilleensa naannoo sanaa irratti dhiibbaa fide ka jeedhu haalee jira. Muummichi ministeeraa Abiy Ahimed industrii zayitaa fi kan gaazii uumamaa guddina dinagdee Itiyoophiyaaf baay’aa barbaachisaa ta’uu beeksisaa turan.

XS
SM
MD
LG