Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hoogganni ABO, Obbo Abdii Raggaasaa, Mana-murtiitti Dhihaatan


 Obbo Abdii Raggaasaa
Obbo Abdii Raggaasaa

Kan dhiheenya kana mana isaaniitii humnoota mootummaatiin qabamanii hidhaa jiran miseensi Koree Hoji-raaw’achiistuu Adda Bilisummaa Oromoo, Obbo bbo Abdii Raggaasaa mana murtiitti dhihaatanii guyyaa biraa akka deebi’anii dhihaataniif beellamni itti gaafatamee jira.

Kaleessa mana-murtii aanaa magaalaa Buraayyuutti ka dhihaatan Obbo Abdiin guyyaa 11 booda akka deebi’anii dhiheeffaman beellamni itti gaafatamuu kan Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsan abukaatoo isaanii Dr.Tokkummaa Dhaabaa ti.

Obboleessi obbo Abdii, Obbo Gammachuu Raggaasaa immoo, “akkataan qabinsa isaa mana hidhaa keessumaa, maatii fi abukaatoo isaa waliin akka walitti dhihaaatee dubbachuu danda’u mirgi isaa akka eegamuuf manni-murtii ajajeyyuu ammallee meetira soddoma caalaa itti dhihaannee dubbisuu hin dandeenye,” jedhu.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Hoogganni ABO, Obbo Abdii Raggaasaa, Mana-murtiitti Dhihaatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:37 0:00


XS
SM
MD
LG