Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Itiyoophiyaa Washington DC fi Naannoo Ishee Hiriira Geggeessan


Lammiiwwan Itiyoophiyaa Washington DC fi Naannoo Ishee Hiriira Geggeessan

Kaleessa ganma sa’a sadii irraa jalqabee lammiiwwan Itiyoophiyaa as Washington DC keessa jiran waajjira ministeera dhimma alaa Yunayaitid Isteetis fuulleetti hiriira geggeessanii jira. Gamtaan nagaa fi tokkummaa jedhamu hiriira kana qopheessuun isaa kan himame yoo ta’u kaayyoo hiriirichaas qindeessitoota keessaa tokko kan ta’an obbo Mesfin Asaffaa ennaa ibsan,

HIriirri kun kan waamameef inni ijoon bulchiinsi Baayiden ejjennoo dogoggoraa inni Itiyoophiyaa irratti qabatee jiru. Uggurri inni jedhamu waggoota 27f shororkeessaa kan ture TPLFn waan deggeruuf sana mormuu akkasumas sana akka hin simanne ibsuuf jecha jedhan.

Hiriirri sun irra jireessa kan nagaan geggeessame ta’us, hirmaattota hiriira sanaaf kanneen mootummaa Itiyoopiyaa morman hiriirtota ka biroo gidduutti walitti bu’iinsi hangi tokko uumamee jira.

Walitti bu’iinsi gama kaabaa dhaabatee, gareeleen wal falman walii galtee lola dhaabiinsaa irra akka ga’an, dhiittaan mirga namaa raawwatame jedhame illee akka qoratamuu fi deggersi namoomaa dhorkaa tokko malee naannoo Tigraay akka dhaqqabu irra deebi’uun kan gaafataa turte Yunaayitid Isteetis dhiyeenya kanneen lol asana yeroo dheeressanii fi gargaarsa namoomaatti karaa cufan akkasumas lola dhaabinsi akka hin tolfamne qaamotii dura dhaabbatan irratti uggurri fuuleffate akka kaa’amu prezidaanti Joo Baayiden ajaja sadarkaa ol aanaa ka’auun ni yaadatama.

Yaadawwan Ilaali (5)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG