Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammileen Itiyoophiyaa mana hidhaa Taanzaaniyaa turan biyyatti deebifaman


Faayilii - godaantota Afrikaa mana hidhaa yeroo geeffaman, Israa'el, Bara 2014
Faayilii - godaantota Afrikaa mana hidhaa yeroo geeffaman, Israa'el, Bara 2014

Embasii Itiyoophiyaa Daar E Salaam jirutti Diplomaatii mootummaa Itiyoophiyaa ka tahan obbo Teewodroos Girmaa warri harra hidhaatii gadi lakkifamee biyyatti deebi’e wagga 2 – 4 kan hidhamanii turan ta’uu dubbatan

Lammilee Itiyoophiyaa Taanzaaniyaatti godaansa seeraan alaarratti qabaman 104 harra biiyyatti deebisuu Daar E Salaam ka jiru Embaasiin Itiyoophiyaa beeksiseera. Teewodroos Girmaa qondaalli Imbaasichaa VOA’f akka himanitti lammileen Itiyoophiyaa kun gargaarsa jaarmayaa godaantotaa IOM, Gamtaa Awurooppaa fi baasii mootummaa Itiyoophiyaan biyyatti deebifamuu dubbatan.

Lammileen Itiyoophiyaa 104 Kan Mana Hidhaa Taanzaaniyaa Turan Biyyatti Deebifaman
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:13 0:00

Obbo Teewodroos lammileen kun mana hidhaa Taanzaaniyaa kutaa bulchiinsa Iringaa jedhamu keessaa ka hiikaman ta’uu, danuun isaaniis dargaggeeyyyii ta’uu himanii hojii humnaa, sarba mirga namoomaa fi rakkoo hedduuf warra saaxilamaa turedha jedhan.

Obbo Teewodroos Imbasiin Itiyoophiyaa Daar E Salaam jiru warra mana hidhaa Taanzaaniyaatti hafee jiru biyyatti deebisuuf hojjetaa jiraatus, garuu godaantonni seeran alaa ammas dhufanii harka poolisii biyyattiitti kufuun rakkoo ta’eera jedhan. Keessumaa godaantonni Itiyoophiyaa qabaman Naannoo Saboota, Sab – Lammoota fi Ummatoota kibbaa godinaalee Halaabaa fi Kambaataarraa ta’uu dubbatanii waan kana hirrisuuf qaamni hundi mootummaaf tumsuu qaba jedhan.

Lammilee Itiyoophiyaa Taanzaniyaa biyyatti deebifamaa jiran kanaaf Gamtaan Awurooppaa dhaabbii jireenyaa akka tolfataniif tumsa akka godhuufis himameera.

XS
SM
MD
LG