Xurree ittiin seenan

Breaking News

Looltoota Koo Shiraaroo Keessaa Hin Baafne: Itiyoophiyaa


Suuraa Faayilii- Loltoota Itoophiyaa naannoo Baadimeetti
Suuraa Faayilii- Loltoota Itoophiyaa naannoo Baadimeetti

Itiyoophiyaan humnootii ishee naannoo waraannii hedduminaan keessa buufate kan Ertraa daangeessu Shiraaroo keessaa baaste oduun jedhu soba ta’u Mininistriin Ittisaa kan Ityophiyaa Obbo Mootummaa Maqaasaa beeksisanii jiran.

Wal waraansa daangaa gaggeeffamee turee keessaatti adda waraanaa dhiiga hedduu dhangalaasisee ture shiraaroon Baadimmee tti dhiyoo ta’uun ibsamee jira.

Waraannii Itiyoophiyaa Kokolaataan waraanaa fi Awutoobusiin imaltootaa gamasii baasaamaa ture jechuun torban darbe kan gabaase oduu gabaasaa VOA Alem Fisseha waraanni Shiraaroo ture rakkoo mudate ittisuuf jecha gara walakeessa Itiyoophiyaa keessatti geeffame jechuun gabaasee ture.

Kanaaf jecha looltoonni Itiyoophiyaa iddoo sana irraa ba’aniiru oduun jedhu soba ta’u Itiyoophiyaan beeksiiftee jirti.Ministeerri Ittisaa kan Itiyoophiyaa Obbo Mootummaa Maqaasaa Ripoortariif akka ibsanti naannoo Shiraaroo sana looltoota sosssosuun hanga tokko jiraachu hin haallee . Garu kun waanuuma duraanu baratamee jedhan.

XS
SM
MD
LG