Xurree ittiin seenan

Manni Murtii Keeniyaa Lammilee Itiyoophiyaa seeraan ala biyyattii Seenan 137’irratti murtee dabarse 


Faayilii - Baqattoota seeraan ala Keeniyaa seenan, Ebla, 2014

Lammileen Itiyoophiyaa Jimaata darbe Poolisii Keeniyaatiin qabaman kaleessa mana murtiitti dhiyaatanii murteen irratti darbe. Godaantonni kuni lakkoofsi isaanii 137 yoo ta’u kaleessa adabbiin Doolaara 300 yookiin hidhaan ji’a 6 isaan irratti murtaa’eera.

Poolisiin Keeniyaas lammilee Itiyoophiyaa kana seeraan ala gara biyyattiitti fiduun namoota shakkaman lameen Dajanee Chaafaa fi Chaakoo Jiloo to’annoo jela oolchee waa’ee isaanii qorataa jira.

Imbaasiin Itiyoophiyaa Naayiroobii jiru dhimma kana gaafatmee ‘To’annaa jela ooluu lammilee Itiyoophiyaa kana akka quba hin qabne himeera.’

Gabaasa guutuu dhaggeeffadhaa

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG