Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensi Koomishina Filannoo Keeniyaa Taayitaa Gad-lakkisan

  • VOA

Filannoon preizaantummaa Keeniyaa irra-deebi’ee geggeessamuuf torban tokko yeroo hafee jirutti, miseensi koomishina filannoo biyyattii taayitaa gad-lakkisan.

Kun immoo jeeqama siyaasaa duraanuu biyyattii unkuraa jiru irratti rakkoo ka biraa dabale – jedhama.

As magaalaa Niwu Yoork irraa har’a kan ibsa baasan, Mrs. Roozeliin Akombee, ibsa baasaniin, filannoon Onkoloolessa 26 geggeessamuuf eegamaa jiru kun, wanna uummatni Keeniyaa abdatu – ulaagaa isa xiqqaa illee akka guutuu hin dendeenye hubachiisan.

Kan yeroo ammaa wal-mormsiisaa tahe, Koomishinni Filannoo Keeniyaa “IEBC”, wal-mormii keessa isaa fi doorsisa siyaasaa irratti geggeessamuun danqamee jira – jedhu – miseensi Koomishinicha Filannoo har’a taatyitaa gad-lakkisan.

Koomishinichi filannoo rakkoo filannoo yeroo ammaa biyyattii mudatee jiruuf gumaachnuu isaa dubbatanii, waahiloonni isaanii kaanis, akka gootummaan ka’anii dhugaa jiru dubbatan waamicha godhan.

Raadoiyoo BBC-f ibsa kennaniin, doorsisa hedduu irra ga’e irraa kan ka’e – lubbuu isaaniif sodaachuu irraa biyyattii gad-lakkisanii akka ba’an illee dubbatanii jiran.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG