Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriirri Mormii Oromiyaa Gara Hookkaraatti Jijjiirame: Jiraataa Magaalaa Beddellee


Hiriira Mormii Oromiyaa
Hiriira Mormii Oromiyaa

Hiriirri mormii uummataa Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru itti fufee jiraachuu jiraattonni godinaalee addaa addaa ibsaa jiran. Hiriirri kun irra jireessi nagaan geggeessamee kan xumurame ennaa ta’u bakka tokko tokkotti gara hookkaraatti jijjiramuu jiraattonni nuti dubbifne nuuf ibsaniiru.

Akkuma kanaan har’a aanaa Beddellee magaalaa Beddellee keessatti hiriirri kaleessa jalqabe har’aas itti fufuu dhaan kan kaleessaa nagaan yoo xumuramu kan har’aa garuu gara hookkaraatti jijjiiramuu nuuf ibsan jiraattonnil. Korri bittinneessaa Oromiyaa gaazii imimmaansu hiriirtota mormii irratti biifuun uummata rifaasisan jechuun illee komee qaban ibsanii jiran.

Hiriirri Mormii Oromiyaa Gara Hookkaraatti Jijjiirame: Jiraataa Magaalaa Beddellee
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:12 0:00

XS
SM
MD
LG