Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Buruundii Sabaa Himaa Addunyaa Lama Uggure


Pireezdaantii Buruundii Piyeer Nikuriziizaa
Pireezdaantii Buruundii Piyeer Nikuriziizaa

Prezidaantiin Buruundii Piyeer Nikuriziizaa aangoo irra turuuf jecha heera biyyatti jijjirsisuuf sagalee uummanni kennu dursanii Raadiyoo Sagalee Amerikaa (VOA) fi Biritiish Biroodkaastiingi Koorporaashinii (BBC) kaleessa Caamsaa 7 bara 2018 kaasee biyya isaa keessatti akka hin dhaga’amneef ugguranii jiran.

Oduu gam tokkoof hin loognee fi saansurii hin taane akkasumas odeeffannoo argachuuf uummanni Buruundii Raadiyoo sagalee Amerikaa irratti hirkata kan jedhu bordiin bulchitoota tamsaasa sagantaalee kan Raadiyoo sagalee Amerikaa mootummaan Buruundii battalumatti murtii isaa kana akka keessa deebi’ee ilaaluuf gaafate.Bibisiin gama isaan prezidaantiin Buruundii murtii kana akka kaasaniif gaafatee jira.

Koreen mirga Gazexxesotaaf falmu (CPJ) gama isaan murtii siyaasaa sirri ta’e fudhachuuf uummanni Buruundii odeeffannoo waan barbaaduuf jecha uggurri kun kaafamuu qaba jedha.

Kaawuusiliin komunikeshinii biyooleessaa kan Buruundii gama isaan VOA fi BBCn seera sabaa himaa fi naamuusa gaazexxessuummaa cabsu jechuun ibsa baasee jira.

XS
SM
MD
LG