Xurree ittiin seenan

Breaking News

‘Walitti Bu’iinsa Kaleessaan nama 8’tu du’e’ - Hospitaala Mooyyalee


Kaleessa walitti bu’iinsa Mooyyaleetti ka’een lubbuun nama 8 akka darbe Hospitaalli Mooyyalee beeksise. Dooktor Nigusuu Addunyaa Raadiyoonii VOA’f akka himanitti, warren lubbuun darbe kana keessallee daa’imman turani jedhu. Lakkoofsi namoota madaa’anii gara 40 ol akka ta’u himan Dooktor Nigusuun; isaan keessaa 13 balaan cimaan waan irra dhaqqabeef gara Yaabelloo fi Walaayittaa Sooddootti yaalaaf akka ergaman himani.

Walitti bu’iinsa kaleessa hawaasa fi humna naga kabachiistota Naannoo Oromiyaa fi Somaalee gidduutti ta’e kun haga galgalaatti ka ture yoo tahu, harras nageenyi magaalattii hin fooyya’in jiraachuu jiraattonni dubbatu.

Hidhattoonni balaa kana dhaqqabsiisan ka naannoo Soomalee dhufanis, hidhannaa boombii fi rasaasa ciccimaa akka dhukaasaa turan dubbatu jiraattonni Mooyyalee. Obbo Nigaatuu Kaasahun Hoogganaan Waajjira Dhimma Nageenyaa, ‘rakkoo mooyyaleen keessa jirtuuf mootummaan akka furmaata itti barbaadu’ gaafataniiru; Galmoo Daawit dabalata qaba.

‘Walitti Bu’iinsa Kaleessaan nama 8’tu du’e’ - Hospitaala Mooyyalee
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:15 0:00

XS
SM
MD
LG