Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummoonni Afriikaa Caasaalee Hawaasaa Ukkaamsuu Amaleeffatan


Mootummoonni Afriikaa Caasaalee Hawaasaa Ukkaamsuu Amaleeffatan
Mootummoonni Afriikaa Caasaalee Hawaasaa Ukkaamsuu Amaleeffatan

Poolisiin Burundii namoota saddeeti kanneen barreeffama farra mootummaa caasaalee hawaasaa irratti facaasan sanbata darbe to’annaa jala oolchuu isaatu gabaasame. Kan Burundii kun adda miti. biyyoonni Afriikaa keessumaa ennaa filannoo ykn jeeqamni ka’u kanneen social media/caasaalee hawaasaa to’atan heddummaataa adeemuutu gabaasamaa jira.

Dhaabbati keeyata 19 jedhamuu fi kan walabummaan yaada ofii ibsuuf qasaa’uu uakka jedhutti mootummoonni naannoo sana keessaa kanneen lammiiwwan ija shakkiin ilaalu.

Itiyoopiyaa keessaas walabummaa presii ukkaamsuun waanuma baratame. Angawoonni baatii Sadaasaa keessa caasaalee hawaasaa naannoo Oormiyaa keessaa cufan. Kunis hiriira mormii geggeessame dura dhaabachuufi. Baatii Adoolessaa keessa immoo Itiyoopiyaan erga qormaati biyyoolessaa miliqee ba’ee booda ammas caasaalee hawaasaa cufte. Gabaasa guutuu armaan gaditti caqasaa.

Mootummoonni Afriikaa Caasaalee Hawaasaa Ukkaamsuu Amaleeffatan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:52 0:00

XS
SM
MD
LG