Xurree ittiin seenan

Breaking News

Barattoonni Yunivarsitii Jimmaa kan Mooraa Kittoo Furdisaa Barattoota Dhabamsiisuun Dhaabachuu Qaba Jechuun Hiriira Bahan


Loogoo Yunivarsitii Jimmaa
Loogoo Yunivarsitii Jimmaa

Halkan halkan barattoota kutaa cisichaa isaanii ykn doormii Keessaa qabanii essa butee dhabamsisuun dhaabachuu qaba, kan jedhan barattonni kun, gochaan kun eega labsii yeroo hatattaamaa as itti fufee jira jedhu. Barattoota haala akkasiin qabuun mooraawwan Yunivarsitii Jimmaa adda addaa keessatti kan gaggeeffamaa jiru ta’uu fi barattonni kudhan ta’an barnootaaf maatii isaanii biraa gara Yunivarsitichaa eega dhufanii booda yeroo ammaa achi-buuteen isaanii dhabamuu dubbatu.

Baatii Fuulbaana darbe ayyaana Irrechaa Bishooftuu irratti namoonni dhumuu kan ilaaleen barattoonni Yunivarsitii Jimmaa hiriira mormii ba’anii akka turan yaadachisuun yeroo sanatti bararttoonni basaasaa Mootummaa ta’an Vidiyoo waraabuun aangawootaaf waan laataniif sana irraa ilaaluun nama qabu, jedhu – barattoonni kun. Gama kaaniin mooraa yunivarsitii Jimmaa guddicha keessatti barsiisaa kan ta’an - Dr. Faqaaduu Asaffaa torban darbe eega qabamanii fudhatamanii as eessa buteen isaanii dhabamuu ibsanii jiru.

Angawoonni yunivarsitii kanaa har’a walgahii irra akka jiran kan ibsame yoo ta’u barattoonni kaleessa galgala hiriiranii gaaffii akka dhiheessanii turan qaamni bulchiinsa yunivarsitichaa mirkaneesse jira.

Kana cuqaasuun gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG