Xurree ittiin seenan

Breaking News

Walitti bu'iinsa Mooyyaleetti ta'e irratti Boombiin darbatamee'n namootni 3 du'anii 50 ol madaa'an


Tamsaasa keenya booda kan gabaase maddi oduu mootummaa nannoo Oromiyaa OBN lakkoofsi namoota du'anii afur, ka madaawanii 62 gahuu beeksisee jira

Harra ganama Moyaalee Daangaa Naannoo Oromiyaa ganda 02tti wal dhabbii uumameen boombiin harkaa tokko darbatamee haga yoonaa nami 3 yoo lubbuun isaanii darbu, 50 ol ka ta’animmoo miidhaan qaamaa irra gahuu jiraattonni Raadiyoonii VOA’f himan.

Walitti bu’iinsi kun hawaasa Oromoo fi jiraattota naannoo Somalee ka Itiyoophiyaa gidduutti ka uumame yoo tahu, boombiin darbatame jiraattota Naannoo Somalee Itiyoophiyaa irraa darbamuu ammas jiraattonni magaalattii ni dubbatu.

Hospitaala Mooyyaleetti Ogeessa Yaalaa ka walii gala ka ta’an Dr. Nigusee Addunyaa namoota yaalaaf gara hospitaalichaa dhufan keessaa nami tokko battalumatti du’uu Raaddiyoo VOA’f himaniiru. Bulchaan Moyaalee ka ganda 02 obbo Kulluu Galgaloo namni 3 du’uu mirkaneessanii namootni boombii kana darbatan jedhaman garuu to’annoo jala akka hin oolin himan.

Walitti bu'iinsa Mooyyaleetti ta'e irratti Boombiin darbatamee'n namootni 3 du'anii 50 ol madaa'an
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:37 0:00

XS
SM
MD
LG