Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obbo Taayyee Danda’aa Dabalatee Kanneen Biroo Heedduun Hidhaa Ba’anii Jiru


Waajiira haqaa oromiyaaf dubbii himaa kan ta’a Obbo Taayyee Danda’aa fi barsiisaa Yunivarsitii Amboo Obbo Siyyuum Tashomaa akkuma hidhaadhaa gadhiifamamaniin maatii fi hiriyootan yeroo simataman
Waajiira haqaa oromiyaaf dubbii himaa kan ta’a Obbo Taayyee Danda’aa fi barsiisaa Yunivarsitii Amboo Obbo Siyyuum Tashomaa akkuma hidhaadhaa gadhiifamamaniin maatii fi hiriyootan yeroo simataman

Waajiira haqaa oromiyaaf dubbii himaa kan ta’an Obbo Taayyee Danda’aa, Yunivarsitii Amboo mooraa Walisootti barsiisaa ka ta’an Obbo Siyyuum Tashomaa akkasumas ajajaa itti aanaa kora bittineessaa Oromiyaa Komaandar Iyyaasuu Angaasuu guyyaa har’a hidhaa ba’anii jiru. Obbo Taayyeen ajjechaan Moyyaalee keessatti gaggeeffame kan ilaaleen raadiyoo sagalee Amerikaa waliin gaaffii fi deebii eega ibsanii booda hidhaman.

Ajajaa itti aanaa kora bittineessaa Oromiyaa Komaandar Iyyaasuu Angaasuu guyyaa har’a hidhaa ba’anii jiru
Ajajaa itti aanaa kora bittineessaa Oromiyaa Komaandar Iyyaasuu Angaasuu guyyaa har’a hidhaa ba’anii jiru

​Gama kaaniin torbanneen darban kana keessaa Oromoota himannaan shoroorkeessummaa irratti dhiyaatee mana hidhaa Qilinxoo keessa turan 500 ta’an keessaa 400 gadhiifamuu abuukaatoo isaanii kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa mirkaneessanii jiru.

Isaan kun kanneen an abukaatummaan dhaabadheef qofa kan jedhan Obbo Wandimmuun maamiltoota koo Oromoo ta’an kanneen mana hidhaa Qilinxoo keessatti hafan 115 ta’u ibsan.”Rifeensa mataa hanaga tokko haadanii kaan Gofaree hin dhiisan” kan jedhan Obbo Wandimmuun mootummaan akkuma jalqabe hidhamatoota siyaasaa hundumaa akka hiiku akkasumas labsii yeroo hatattamaa akka kaasuuf gaafatan.

Gabaasa Guutuu Caqasaa

Obbo Taayyee Danda’aa Dabalatee Kanneen Biroo Heedduun Hidhaa Ba’anii Jiru
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:16 0:00

XS
SM
MD
LG