Xurree ittiin seenan

Breaking News

Yeroo Kennuun Barbaachisaa Ta’uus Tarkaanfii Fudhachuu Jalqabuun Barbaachisaa Dha . Baqqalaa Garbaa


Mummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiyyi Ahmad Kamiisa Ebla 12 bara 2018 galgala abbotii amantii, maanguddoota biyyaa, hogganaa morkitoota siyaasaa, waldootii sivikii fi namoota dhunfaa masaraa mootummaa keessatti afeerraa irbaataa godhanii jiran.

Dr. Abiyyi sirna kana irratti haasawaa dhagesiisaniin ADWAUI paartilee siyaasaa karaa nagaan qabsaa’uu filatan kamiin iyyu waliin dubbachuuf qophii ta’u ibsan.

Gurmaa’uun madda yaaddoo otoo hin taane furmaatatti dhiyaachuuf karaa ta’u qaba kan jedhan Dr Abiyyi waltajjii siyaasaa daran akka ballatuuf murannoon hojjanna jedhan.

Paartileen mormituu imaammata uummataaf ta’a jedhan qopheeffatanii dhiyaachuun dorgomuu kan qaban ta’uus hubachiisan.

Gaaffii fi Deebii Obbo Baqqalaa Garbaa waliin gaggeeffame caqasaa

Yeroo Kennuun Barbaachisaa Ta’uus Tarkaanfii Fudhachuu Jalqabuun Barbaachisaa Dha . Baqqalaa Garbaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:27 0:00

XS
SM
MD
LG