Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ilmii Kan Abbaa Caaluu Ykn Kan Abbaa Dhaalu. Dr. Abiyyi Ahmad - Amboo


Muummicha ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin jilli hogganamuu har’a gara magaalaa Ambootti imaluun uummata wajjiin walga’ee jira.

Hoogganoota federaalaa ol’aanoo fi kan bulchiinsa naannoo wajjin turan keessaa Prezidaantii bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa itti-aanaa muummicha ministaraa Obbo Demmaqaa Makonnin Ministara Dhimma-alaa, Obbo Warqinah Gabayyoo, fi aangawoota ka biroo of keessaa qaba.

Muummicha ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin jilli hogganamuu har’a gara magaalaa Ambootti imaluun uummata wajjiin walga’ee jira
Muummicha ministaraa Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimadiin jilli hogganamuu har’a gara magaalaa Ambootti imaluun uummata wajjiin walga’ee jira

Sirna staadiyamii yunivarsitii Amboo mooraa guddicha keessatti uummataaf haasawaa kan dhageesisan Dr. Abiyyi Ahmed qabsoon keenya qabsoo mo’ataa akka ta’uu gochuuf tarsimoo keenyeen injifachuun danda’amee jra jedhan.

Injifannoon kun guutuu ta’u kan danda’uu itti gaafatama nutti kenname waliin taanee fixaan baasuu yoo dandeenye qofa jedhanii ilmii Kan Abbaa Caaluu Yemmuu Kan Abbaa Dhaalu jechuun mammaakan Mummichi ministeeraa Abiyyi Ahmad.

Prezidaantiin bulchiinsa naannoo Oromiyaa Obbo Lammaa Magarsaa gama isaaniin har’a bakka kanatti kan walitti qabamne akka kaleessaa abidda dhaamsuudhaaf akkasumas rakkoo odeessuudhaaf otoo hin taane misiraachoo labsuuf abdii hegeree cimsuudhaaf jedhan.

Itti aanaa mummichi ministeeraa Dammaqaa Makonniin akkasuma haasawaa dhageesisanii jiran. Jiraattonni magaalaa yaada isaanii nuuf ibsanii jiru.

Gabaasa guutuu caqasaa

Ilmii Kan Abbaa Caaluu Yemmuu Kan Abbaa Dhaalu. Dr. Abiyyi Ahmad - Ambo
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:00 0:00

XS
SM
MD
LG