Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ayyaantuun Eenyu Ajjeese? Maaliif?


Harargee Bahaa, magaalaa Qobboo keessatti Dilbata, Ebla 8 halkan, dubartiin haadha mucaa tokkoo fi ulfa jedhamte, Ayyaantuu Mohammed Sa’idoo miseensota raayyaa ittisaa itiyoophiyaa naannawa magaalatti qubatanii jiraniin rasaasa lamaan haleelamtee du’uu ishee, jiraattonnii fi maatiin ishee Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Bulchaan magaalattiis shakkamtoonni qabamanii ka qorannaan irratti geggeessamaa jiru tahuu dubbatan. Jiraattonnii fi obboleettiin ishee, Caaltuu Mohammed, VOAf akka ibsitetti, Ayyaantuu Mohammed obboleettii ishee lakkuu deessuu ciistee ulmaa ciisaa jirtu tajaajilaa turtee Dilbata halkan gara mana ofii isheetti otuu deemaa jirtuu, oltoonni raayyaa ittisaa sadii, karaatti ishee dhaabanii akka isaan waliin gara isaan fedhanitti deemtuu fi waliin ciistu dirqsiisuu yaalan.

Ayyaantu dubartii abbaa manaa qabduu fi ulfa ta’uu ishee itti himtee akka ishee gad-lakkisan kadhatte iyyuu humnaan dirqsiisuu itti fufan. Yeroo isheen diddu karaa rasaasa lamaan dhawanii ajjeesanii karaa irratti gatanii deeman. Yeroo isaan gochaa kana raaw’atan namoonni dhaga’anii fi argan, garuu itti ba’uu sodaatanii bulan akka jiranillee maatii fi jiraattonni naannoo dubbatanii jiran. Kan Wixata ganama reeffaa Ayyaantuu karaa magaalaa Qobboo irraa kaasisanii, qorannaadhaaf gara Hospitaala Dadar geessan – kantiibaan magaalaa Qobboo, Obbo Ahimeddiin Suufiyaanis, Ayyaantu mataa ishee irra bakka lama rasaasaan haleelamtee, reeffi ishee karaa irratti argamuu isaa fi qrannaa geggeessameen miseensi raayyaa waraanaa tokko qabamuu, ka biroo irrattis qorannaan geggeessamaa jiru tahuu dubbatanii jiran.

Hospitaala Dadaritti ogeessi fayyaa reeffa Ayyaantuu qoratan, Dr. Kaalid Ahimed, rasaasa lamaan dha’amtee du’uu ishee mirkaneessanii, kan nu bira dhufe reeffa ishee waan ta’eef, ulfa tahuu fi tahuu-dhaba ishee qorachuu hin dandeenye, garaan ishee immoo guddaa hin turre, jedhan. Qophii guutuu dhaggeeffadhaa.

Ayyaantuun Eenyu Ajjeese? Maaliif?
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:48 0:00

XS
SM
MD
LG