Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dachiin Keenya Naannoo Somaaleetti Cite Oromiyaatti Akka Nuuf Deebi’u Iyyataa Jirra: Buqqaatota


Akka lakkoobsa Itiyoophiyaa bara 1997 referandumii ta’een Oromiyaa irraa gara bulchiinsa naannoo Somaaleetti ka citan gara naannoo keenyaa Oromiyaatti deebinee jiraachuu barbaanna, dachiin keenya Oromiyaa irraa cites akka nuuf deebitu gaafannaa jechuun iyyataa jiraachuu dubbatu.

Xalayaa isaaniis blchiinsa godianaa Baaleetti dhiyeeffannee jirra jedhan. Bulchiisa godinichaa irraa angawaa nuti dubbisne illee xalayaa isaanii simachuu isaanii ibsuu dhaan gaaffiin isaan dhiyeessan sadarkaa federaalaatti deebii argata waan ta’eef gamasitti dabarsina jedhan.

Ajjeechaa fi dararaa gandeen naannoo Somaaleetti citan sana keessatti raawwateen gamasii baqannee ka jedhan namoonni kun gara naanoo irraa buqqaaneetti deeb’uu barbaannaa jedhanis angawoonni immoo naannoon isaan irra buqqa’an referendumii dhaan gara bulchiinsa naannoo Somaaleetti citeera waan ta’eef akka qaama Oromiyaatti ilaaluu hin dandeenyuu jedhu. Bakka bu’oonni jaarsolii garuu referendamiin sun humnaan nutti fe’ame jechuu dhaan mootummaan naannoo Oromiyaa iyyannaa keenya akka nu dhaggeeffatuuf iyyataa jirra jedhan.

Dachiin Keenya Naannoo Somaaleetti Cite Oromiyaatti Akka Nuuf Deebi’u Iyyataa Jirra: Buqqaatota
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:22 0:00

XS
SM
MD
LG