Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gam - Lameen Irraa Uummanni Buqqa’uu Waan Lammaffaa Dhaga’uu Hin Feene Ta’u Amanuu Qabna: Dr Abiyyi Ahmad


Mummichi Ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad Samabata Ebla 7 bara 2018 aangawoota federaalaa fi kan bulchiinsa naannoo waliin magaalaa guddoo bulchiinsa naannoo Somaalee kan taate Jigjigaatti imalanii turan.Achittis aangawoota bulchiinsa Somaalee fi bakka bu’oota uummataa kana naannoo sana waliin marii gaggeessanii turan.

Uummata gam lameen irraa jireenya ofii irraa buqqa’an debisanii dhaabuu fi nagaa buusuu irratti kan fulleefate marii kun kanas fixaan baasuuf mootummaan Federaalaa bulchiinsa naannoo lamaanii wajjin kan hojjatu ta’uun ibsamee jira.

Gidduun dhaabachaa fi hammaachaa baatileef kan itti fufee walitti bu’iinsa Kanaan uummanni Miliyoona tokko caalu manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’uuf dirqamee jira.

Gama kaaniin kanneen mooraa Hamaareessa keessa buufatan batii saddeet kan guutan yoo ta’u bulchiinsa naannoo Somaaleetti deebi’uu waan yaadamu miti jedhu.

Gabaasa guutuu caqasaa

Gam - Lameen Irraa Uummanni Buqqa’uu Waan Lammaffaa Dhaga’uu Hin Feene Ta’u Amanuu Qabna: Dr Abiyyi Ahmad
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:49 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG