Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABOn Yoo Mootummaan Itiyoophiyaa Marii Nageenyaaf Cicha Qabaate Qophii Tahuu Dubbate. Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadenis Ejjennoo Isaa Beeksisee Jira


Obbo Daawud Ibsaa, Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo
Obbo Daawud Ibsaa, Hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo

Addi Bilisummaa Oromoo fi Addi Bilisummaa Biyyoolessaa, rakkoo yeroo ammaa Itiyoophiyaa keessa jirtu furuu irratti ejjennoo qaban ilaalchisee, mata-mataatti ibsa baasanii jiran.

Akka mrgi uummata Oromoo fi uummatoota Oromoo kabajamuu fi biyyattii keessatti nageenyi dhufu faluuf jecha, mootummaa Itiyoophiyaa waliin haal-duree tokko malee bakka qaamni sadaffaan jirutti mari’achuuf yeroo hedduu akka yaalee ture kan ibsa isaa keessatti eere Addi Bilisummaa Oromoo, yaaliwwan araaraa jalqabamanii otuun hin milkaa’iin hafanis tarreessee jira.

“Amma yeroo haalli isaa mariif miijawaa tahe kanatti, yoo mootummaan Itiyoophiyaa cicha dhugaa qabaatee fi waraana nu irratti labse nu kaase, gad-teenyee karaa nagaa mari’achuuf qophii dha.” Jedha.

Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadenis, akkasuma, ibsa baaseen, “muummichi-ministaraa Itiyoophiyaa haaraan, paartii EPRF ka yeroo dheeraaf mirga uummataa ukkaamsaa ture irraa waan filatamaniif amantaa guutuu irratti hin qabnu. Tahus, waan gara fuul-duraatti gochuuf jiran dhiheenyaan hordofaa jirra,” jedha.

Qophii keenya dhaggeeffadhaa

ABOn Yoo Mootummaan Itiyoophiyaa Marii Nageenyaaf Cicha Qabaate Qophii Tahuu Dubbate. Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadenis Ejjennoo Isaa Beeksisee Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:13 0:00


XS
SM
MD
LG